Bidiruun dhidhimuu hordofee lubbuu namootaa baraaruuf tattaaffiin godhamaa jira.

OFM:SADAASA-09/2025-Naannawaa daangaa Maaleezyiyaa fi Taayilaanditti Bidiruun dhidhimuu hordofee lubbuu namootaa baraaruuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu gabaafame.

Namoonni 300 ta’an Bidiruu guddaa tokkoon Maayinaamaar Magaalaa Butiidaangii erga ka’an naannawaa daangaa akkuma gahanii bidiruuwwan 3tti qoodamuun akka imalan taasifamuu Abbaan Taayitaa Mariitaayimii Maaleezyiyaa beeysiseera.

Bidiruu tokkorra balaan dhidhimuu qaqqabuufi hanga ammaatti namoonni 10 lubbuun argamuu ibsame.

Balaan kun kan muudate guyyoota sadi dura yoo ta’u, haalli bidiruuwwan lamaan irra jiran kan hin beekamnee fi lubbuu namootaa dhabamanii baraaruuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru abbaan taayitichaa himeera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *