Masriin buufata doonii haaraa, jiddugala loojistikii Jibuutii keessatti ijaaruufi.
OFM:SADAASA-10/2025-Masriin Jiddugala daldala idil-addunyaa guddittii Itiyoophiyaa kan taate Jibuutii keessatti invastimantii guddaa akka gootu beeysiftee jirti.
Kunis kan ta’e Masriin buufata doonii fi dhaabbilee loojistikii haaraa ijaaruuf kan dandeessisu waliigaltee tumsaa irra ga’uuf yeroo dhihaatteetti.
Waliigaltichi daawwannaa ofiisaa jilli sadarkaa ol’aanaa itti aanaa muummicha ministeera Masriitiin durfamu Jibuutiitti taasisuun xummurama jedhamee eegama jedha odeeffannoon Kaappitaal argate.
Bu’uurri tumsa kanaa Sadaasa 3/2025 walga’ii jila Masrii fi Dura Taa’aa Abbaa Taayitaa Buufata Doonii fi Zoonii Bilisaa Jibuutii Abu Bakr Omar Hadii jidduutti taasifame irratti kan kaa’ame ta’uu ibsameera.
Daawwannaan itti aanaa muummicha ministeeraa Masrii Kamel El-Wazir gara misooma industirii kanaatti dhufu mallatteessuu waliigaltee kanaa isa dhumaa akka ta’u ibsameera.
Pirojektiin bal’aan kun bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an kan Jibuutiin Jiddugala daldalaa Baha Afrikaatti qabdu guddisan kan of keessatti hammate ta’uu himama.
Invastimantiin kun kan dhufe yeroo murteessaa biyya ollaa Itiyoophiyaan walabummaa isii booda waggoota kurnan sadii oliif Eertiraa irraa addaan citee turte, kallattiin galaana kana deebifachuuf carraaqaa jirtutti ta’uu Kaapitaal gabaaseera.
