Arsenaal olaantummaa guddaan galchii 4-1 Tootenhaam mo’ate.
OFM:SADAASA.23/2025.Arsenaal Cheelsii kan sadarkaa lammaffaa irra jiru qabxii jahaan caaluun qabxii 29’n gabatee Piriimer Liigii dursaa jira.
Maanchister Siitiin Niwkaasiliin. Liiverpuul ammoo Nootingihaam Foorestiin mo’amuun isaanii Arsenaal akka garaagarummaa qabxii isaa guddifatu qarqaareera.
Injifannoon har’a Tootenhaam irratti argatan Arsenaal barana waancaa injifacuuf humna hundaa qabaachuu agarsiisa.
Bor Maanchister Yuunaayitid Everteen waliin morkata. Aston Viilaanis har’a Liidsi Yuunaayitid mo’achuun sadarkaa arfaffaa qabateera.
