Tiraamp hogganaa Veenzuweelaa Maaduroo waliin dubbachuu mirkaneessanii; Karaakaas US haleellaa shira xaxaa jirti jechuun himatte.

OFM:Muddee.01/2025.Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp dhiheenna kana Pireezidaantii Veenzuweelaa Niikoolaas Maaduroo waliin bilbilaan haasa’uu isaanii dilbata darbe mirkaneessaniiru.

Waliin haasaan kun kan dhiyaate wayita waldhabdeen biyyoota lameenii fi Ameerikaan loltoota hedduu gara Kaaribiyaan bobbaasuun dabalaa dhufeetti.

Tiraamp waa’ee bal’ina waliin haasawa bilbila kanaa irratti yaada kennuu didan, “gaarii ykn hamaa ture jechuu kiyya miti; bilbilaan ture” jedhan.

Gabaasni kanaan duraa akka mul’isutti yeroo waliin bilbilaan haasawa godhan kanatti Tiraamp dhiifama gochuu danda’u ykn yoo Maaduroo aangoo gadhiisuuf walii gale walgahii ta’uu danda’u irratti mari’achuu danda’a.

Veenzuweelaan duula waraanaa fi haleellaa humna galaanaa Ameerikaa Kaaraakaasitti mootummaa kuffisuuf kaayyeffate lammiilee nagaa miidhaa jira jettu cimsitee balaaleffattee jirti jedha gabaasni ‘Reuters’

Karaakaas gocha Ameerikaa kana ”balaa koloneeffataa” fi ”haleellaa abbaa biyyummaa” jechuun balaaleffatteetti.

Yeroo waldhabdeen duraanuu ol’aanaa ta’etti, pireezidaant Traamp naannoon qilleensaa Veenzuweelaa akka “guutummaatti cufameetti” ilaalamuu akka qabu akeekkachiisaniiru.

Waashingitan hojiin waraanaa kun daldala qoricha sammuu namaa hadoochu to’achuuf kan kaayyeffate tahuu yoo ibsitu, qondaaltonni Veenzuweelaa kaayyoon guddaan sirna Maduroo jeequmsaan kuffisuuf qophaa’uu akka ta’e falmu.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *