Masriin buufata doonii Eertiraa fi Jibuutii misoomsuuf walii galuun dhagahame.
OFM:Muddee.25/2025.Masriin Buufata Doonii Eertiraa fi Jibuutii misoomsuuf biyyoota waliin waliigaltee irra gahuu gaazexaan The National gabaaseera.
Masriin buufata doonii Eertiraa Asabii fi buufata doonii Jibuutii Dooraal misoomsuuf walii galuu isii gabaasni kun eereera.
Gabaasni kun akka agarsiisutti, Eertiraan Onkoloolessa darbe yeroo pireezidaantiin Isaayyaas Afwerki Kaayiroo daawwatanitti buufata doonii Asaab Masrii waliin misoomsuuf waliigaltee irra ga’uu isii gabaasni kun ni mul’isa.
Buufatni doonii Jibuutii fi Eertiraa Dooraal karra guddaa daldala idil-addunyaa Itiyoophiyaa ture.
Masriin buufata doonii lamaan kana irratti
doonii waraanaa isii boba’aa itti guutuuf Buufata tajaajilu hundeessiti jedhameera.
Eertiraa fi Jibuutiin waliigalteewwan Masrii waliin qaban hanga ammaatti ifatti akka hin ibsine gabaasichi hubachiiseera.
