Pireezidaant Zelenskiin karoora nagaa qabxii 20 qabu kan imala nagaa Yukireen murteessu jedhan ifa godhan.

OFM:Muddee.25/2025.Pireezdaantiin Yukireen Volodymyr Zelensky karoora nagaa qabxii 20 qabu kan biyyattiin waggoota sadiif Raashiyaa waliin waraana dhiigaan laaqamaa turte xummuruuf kaayyeffate ifoomsan.

Karoorri haaraan kun “Karoora Injifannoo” isa duraa caalaa bal’aa yoo ta’u, egeree waraanaa, diinagdee fi dippilomaasii biyyattii kan yaada keessa galcheedha.

Sanadni pireezidaantichi ifa godhan kun, abbaa biyyummaa Yukireen guutummaatti akka kabajamu, loltoonni Raashiyaa dachee Yukireen keessaa akka ba’an, akkasumas bu’uuraalee misoomaa waraana kanaan barbadaa’aniif beenyaan akka kaffalamu gaaffii cimaa kan of keessatti hammatedha.

Karoorri kun tumaalee Yukireen NATO fi Gamtaa Awurooppaatti makamuuf tattaaffii taasisaa jirtu saffisiisu fi nageenna yeroo dheeraa biyyattii mirkaneessuus of keessatti qabata.

Zelenskiin karoora kana kan beeysisan biyyoota dhihaa Yukireen deeggaran waliin marii bal’aa erga taasisaniin booda yoo ta’u, sanadni kun Raashiyaadhaaf waamicha hidhannoo osoo hin taane, karaa nagaa hawaasni addunyaa bira dhaabbachuu qabu ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Raashiyaan karoora kanaaf hanga ammaatti deebii ifatti hin kennine, garuu kanaan dura gaaffiiwwan akkanaa ”fudhatama hin qabu” jechuun kuffifteetti.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti karoorri qabxii 20 qabu kun ummata Yukireen waraanaan dadhabeef abdii kennuu fi deeggarsa hawaasa addunyaa walitti qabuuf kan akeekeedha.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *