Mootummaan federaalaa lola biraa Tigraayitti banuuf qophaa’aa jira jechuun TPLF himate Gareewwan falmaa mirga namoomaa, Ministeerri Dhimma biyya keessa Iraa’el hojii godaantota Lammiilee Itiyoophiyaa gara biyyatti deebisuu akka dhaabu waamicha dhiyeessan. Niwu Yoorkitti qorri hammaachuun namoonni 18 du’an. IGAD waggaa lama booda Suudaan gara dhaabbatichaatti deebi’uu isaa simate. Iraan qoqqobbiin hundi irraa kaanaan sadarkaa gabbisa Yuraaniyeemiishee hir’isuu akka dandeessu beeysifte.
