Pireezidaanti Masoud Pezizkian, Iraan gaaffii dhukaasa dhaabuu Ameerikaaf deebii kennite; jechuun “Mariif harka kennuu jechuu miti”jedhan.

OFM:Caamsaa.11/2026.Iraan sanada waliigaltee dhukaasa dhaabuu Ameerikaan isiif dhiheessite qorattee deebii isii karaa ambaasaaddara Paakistaaniin ​​ergitus, pireezidaantichi biyyi isaanii humna kamiifuu akka hin jilbeenfanne irra deebi’anii dubbataniiru.

Tehiraan gaaffii nagaa Ameerikaa ji’a tokkoof ilaalaa turte kanaaf deebii kennite Dilbata kaleessaa karaa Paakistaaniin​​Waashingitanitti ergite.

Pireezidaanti Masoud Pezizkian ergaa fuula X (X) isaanii irratti dabarsaniin, “Goongumaa diinaaf hin jilbeenfannu;marii ykn marii jalqabuun harka kennachuu ykn duubatti deebi’uu jechuu miti.”jedhan.

Itti dabaluudhaanis kaayyoon marii kanaa dantaa fi mirga biyyoolessaa Iraan cimsee ittisuuf ta’uu ibsaniiru.

Mariin biyyoota lamaanii dhimmoota ijoo irratti garaagarummaa qaba. Iraan Libaanos dabalatee gama maraan waraanni hatattamaan akka xummuramu barbaaddi.

Ameerikaan ammoo daandiin bishaanii daldala boba’aa addunyaatiif murteessaa ta’e Strait of Hormuz hatattamaan akka banamu feeti.

Waashingitan Iraan sagantaa niwukilaraa isii akka diigdu gaafataa kan turte yoo ta’u, Iraan yeroo muraasaaf dhukaasa dhaabuuf dhiibaa turte.

Ameerikaa fi Iraan erga ji’a tokko dura Ebla 12 yeroodhaaf dhukaasa dhaabuuf walii galanii booda nagaa waaraa irratti mari’ataa turan.

Haa ta’u malee, ergaawwan ciccimoon gama lachuu irraa miidiyaalee isaanii irratti dabarsaniin mariin kun hangam rakkisaa akka ta’e agarsiisaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *