Mana hidhaa Moniroo keessaa hidhamaan tokko miliqee achi buuteen isaa dhabame.
OFM:Caamsaa.15/2026.Angawoonni hidhamaa Kamisa halkan mana amala sirreessaa Monroe keessaa miliqee ture barbaadaa jiran, garuu hanga jalqaba Jimaataatti akka dhabame Ministeerri Sirreessaa Kutaa Waashingitan beeysiseera.
Saamu’eel Eevaans Kiimble kutaa nageenna xiqqaa keessaa naannoo sa’aatii 10:53 p.m.tti miliqee akka ture biirichi kan beeysise.
Hojjettoonni mana hidhaa yeroo lakkoofsa idilee Jimaata ganama sa’aatii 3:30 a.m.taasisanitti, Kimble akka bade(miliqe) irra gahamee jira.
Hojjettoonni wayita mooraa(oddoo) sana keessa sakatta’an, Sochiin mana hidhaa keessaa daangeffamee ture.
Boodarra gamaaggamni suuraa(waraabbiin) nageennaa yeroo miliquu isaa murteesse.
Kimble ajaja mana murtii jeequmsa maatii haleellaa hirmaachise cabsuu isaatiin murtii ji’a 27 Snohomish County keessatti adabamaa jira.
Kutaan Sirreessaa (DOC) akka jedhetti dhaabbileen poolisii naannoo fi manneen barnootaa naannoo sana jiran beeysisaniiru.
Poolisiin Monroe Kimble nama gurraacha ganna 25, dheerinni hojja isaa kophee 5 fi inchii 9 fi ulfaatina paawundii 158 ta’uu adda baaseera.
Sanadni mootummaan yeroo dhumaaf baase, ture akka agarsiisutti Gray surree(kofoo) dafqa qabu, jaakkeetii khakii fi do-rag gurraacha uffatee akka argame kun ni mul’isa.
Angawoonni yoo Kimble argame ummanni akka itti hin dhiyaanne akeekkachiisaniiru.
Hojjettoonni DOC fi poolisiin Monroe sakatta’iinsa itti fufaniiru, garuu Kimble naannoo Monroe keessa akka jiru hin amanamu jedhan jechuun ‘KOMO news’ gabaaseera.
Namni Kimble arge ykn waa’ee odeeffannoo bakka inni jiru quba qabu kamiyyuu 911 akka bilbilu ykn waajjira muummee Washington Dock 360-480-2696 akka qunnamu gaafatameera.
