Saawud Arabiyaan tarkaanfii waraanaa Iraan irratti fudhatamu kamiyyuurratti akka hin hirmaanne mirkaneessite.
OFM:Waxabajjii.26/2026.Sa’uudii Arabiyaan Tehiraan tarkaanfii waraanaa Rippabiliika Islaamaa Iraan irratti fudhatamu kamiyyuu keessatti akka hin hirmaanne mirkaneessuu isii maddeen oduu adda addaa ni mul’isu.
Qondaaltota Mootummaa Sa’uudii waabeeffachuun gabaasaaleen bahan akka mul’isanitti, lafti fi naannoon qilleensaa isii haleellaa Iraan irratti raawwatamuuf akka hin fayyadamne irra deebitee ibsiteetti jedha.
Kunis mootummaan ijjennoo waldhabdee kallattiin hirmaachuu irraa of qusachuu irratti cimee itti fufuu isaa kan agarsiisuudha.
Qondaaltonni Sa’uudii dhiibbaa haleellaan dhiheenna kana dhaabbilee waraanaa Ameerikaa naannicha keessatti raawwatame irratti mari’achuu isaaniis gabaasaaleen kunneen eeraniiru.
Xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa buufata (beezii)Sa’uudii irraa kahuun Opereeshiinota waraanaa garagaraa taasisan dhaabuu irrattis marii kana irratti mari’atameera.
Haa ta’u malee odeeffannoon kun of danda’ee hin mirkanoofne.
Guddinni dippilomaasii haaraan kun; taajjabdoonni akka jedhanitti, yeroo waldhabdeen Baha Jiddu Galeessaa keessatti mul’atu sadarkaa ol’aanaa irra jirutti, waraana naannoo bal’aa ta’e hambisuuf Riyaad tattaaffii itti fuftee jirtu kan calanqisiisuudha.
