HRW Lolli Tigraayitti deebi’ee ka’e sarbama mirgaa geessisuu akka malu ibse.

OFM:Fulbaana.25/2026.Dhaabbanni mirga namoomaf falmu Hiyuuman Raayits Wooch (HRW) lolli haaraan kaaba Itiyoophiyaatti deebi’ee eegale, lammiileen nagaa sarbama mirga namoomaa dabalataaf saaxiluu akka danda’u yaaddo qabu ibse.

Daarektarri itti-aanaan HRW damee Afrikaa, Latishiyaa Baader, qaamoleen waraanaa irratti hirmaatan kamuu lammiilee nagaa fi bu’uuraalee sivilii haleeluurraa akka of qusatan gaafateera.

Akka ibsa dhaabbatichaatti sarbama mirga namoomaa waraana kaaba Itiyoophiyaa asiin dura ture irratti raawwataman qaamni itti gaafatame waan hin jirreef ammallee haalli walfakkataan rawwachuu akka danda’u yaaddoo guddaatu jira.

Kanaaf qaamoleen idil-addunyaa hatattamaan tarkaanfii fudhachuun lammiilee nagaan akka eegamaniif qaamolee lolatti jiran hordofuuf tarkaanfii walabaa barbaachisu akka fudhatan dhaame.

Dhaabbatichi Fulbaana 22/2026 irraa eegalee naannolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti humnoota mootummaa Itiyoophiyaa fi TPLF jidduutti waraannii deebi’ee ka’u ibsera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *