Hogganootni waraanaa Sa’udii,Turkiifi Paakistaan akkaataa Sa’udii qarqaaranirratti mari’achuufi.

OFM:Fulbaana.25/2026.Hogganoonni waraanaa Saa’udii, Turkiifi Paakistaan waliigaltee waraanaa dhihoo walii mallatteessan bu’uura godhachuun akkatti Sa’udii qarqaaranirratti marii taasisuuf tahuun gabaafame.

Oduun kuni kan dhagahame erga hogganoonni amantii Sa’udii, hidhattoota Sa’udii Iraaniin deeggaraman haleeluuf loltoonni isaanii lubbuu isaanii kennuuf akka of qopheessan himanii booda.

Hidhattoonni Huutii mootummaa Yeman Sa’udiin deeggaramu irratti haleellaa kan banan yoo tahu, Saa’udii irrattis haleellaa bananiiru.

Kunis Ameerikaa fi Israa’el haleellaa Iraan irratti banan rakkoo walxaxaa fide dabalatee biyya al-ergii boba’aa Sa’udiis gufachiiseera.

Warri Huutii Kamisa kaleessaa qiyyaafannoo Sa’udii irratti misaayeelaa fi diroonii dhukaasuu himaniiru.

Qondaalonni Huutiis baalaastiik misaayela ja’a fashaleessuu himan.

Sa’udiin kanaan dura magaalaa qulqulluu Makkaa akkasumas Jiddaa fi magaalaa buufata doonii boba’aa Galaana Diimaatti akeekkachiisa baaftee turuun ni yaadatama.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *