Lammiileen US sadii fonqolcha mootummaa DR Koongoo fashaleen duuti itti murtaa’e ture gara biyyaatti deebi’an.
OFM:Muddee.09/2025-Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti fonqolcha mootummaa fashalaa’e qindeessaniiru jedhamuun Lammiileen Ameerikaa sadii hidhaarra turan hidhaa isaanii hafe UStti akka xummuraniif garasitti deebifaman.
Jalqaba Sadan isaanii irratti manni murtii waraanaa murtiin du’aa kan itti murteesse yoo ta’u, torban darbe garuu gara hidhaa umurii guutuutti jijjiirameefi ture.
Gara biyyaatti kan deebi’an wayita Ameerikaa fi DR Koongoon qabeenna albuudaa guddaa biyyattii fayyadamuuf waliigaltee irra jiranitti.
DR Koongoon kuufama albuudaa guddaa meeshaalee elektirooniksii fi baatirii konkolaattota elektirikii oomishuuf oolu akka koobaltii fi kanneen biroo kan qabdu yoo ta’u, yeroo ammaa kana baay’inaan dhaabbilee albuudaa Chaayinaatiin kan baafamuudha.
Lammiileen Ameerikaa kun namoota 37 baatii Fulbaanaa darbe mana murtii waraanaatiin murtiin du’aa itti murtaa’e keessaa tokko turan.
Ministeerri Dhimma Alaa Imbaasii Ameerikaa Kinshaasaatti argamu waliin ta’uun gara biyyaatti deebi’uu kanaaf beekamtii kennee jiraachuudha gabaasaaleen kan akeekan.
Haa ta’u malee Ogeeyyiin seeraa Ameerikaa bilisa baa