Mana bashannanaa halkanii keessatti balaan muudate lubbuu namoota 113 galaafate.
OFM:Muddee.09/2025-Magaalaa guddoo Ripaabilika Doominiikaa Saantoo Doomiingoo keessatti Qaaxeen mana bashannanaa halkanii jigee lubbuun namoota hedduu darbeera.
Manni bashannanaa halkanii beekamaa ta’e tokko qaaxeen isaa jigee yoo xiqqaate namoonni 113 yoo du’an, 155 ol ammoo madaa’uu ABC News’ gabaaseera.
Namoota du’an kana keessaa taphataa Beeysiboolii Meejar Liigii duraanii ganna 51 Octavio Dotel fi bulchaa bulchiinsa Monte Cristi akka jiran himama.
Konsartii mana bashannanaa halkanii yeroo hunda konsartii muuziqaa shubbisaa qopheessu kana keessatti gaggeeffame kana irratti, namoota siyaasaa, atileetotaa fi namoota beekamoo biroo dabalatee namoonni dhibbaan lakkaa’aman akka argaman himameera.
Hogganaan wiirtuu hojii hatattamaa Rippabiliika Doominikaan kan ta’an Juan Manuel Mendez akka jedhanitti hojjettoonni baraarsaa gara 400 ta’an ammallee namoota lubbuun hafan caccabaa jalatti awwaalaman barbaadaa jiru.
Lakkoofsi namoota du’anii lakkoofsa amma himamee kanaa olitti dabaluu akka danda’u himama.
Wayita balaan kun muudate namoota 500 hanga 1,000 kilabicha keessa akka turan gabaafameera.