Itiyoophiyaan bara 2025tti biyyoota Afrikaa keessaa biyyoota waraana humna guddaa qaban keessaa tokko ta’uu ‘GFP’n ifoomse.

OFM:Muddee.12/2025-Dhaabbanni Global Firepower Network Sadarkaa waraana biyyoottanii qoratu Itiyoophiyaan bara 2025tti biyyoota Afrikaa keessaa biyyoota waraana humna guddaa qabu jedhaman keessaa tokko ta’uu ifoomseera.

Akka Marsariitiin Ameerikaa Global Firepower Network (GFP) jedhamuufi waggaa waggaan sadarkaa humna waraana biyyootaa baasu, tibbanas gabaasa baaseen Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa humna waraanaa guddaa qaban shan keessaa tokko ta’uu ibse.

Dhabbatichi sadarkaa kana kan kennu ulaagaalee 60 ol baasuun ga’uumsa biyyattii fi dandeetti waraanaa isii madaaluun akka ta’e ibseera.

Dhaabbanni Sadarkaa waraana biyyoottanii qoratu Global Firepower Network (GFP) waliigalatti sadarkaa humna waraanaa biyyoota 145 ifoomse.

Ulaagaawwaan eeraman keessaas akkataa guddina hidhannoo meeshaalee, humna baay’ina loltootaa, dandeettii, baajata waraanaa, teessuma lafaa fi diinagdee biyyatti irratti hundaa’un.

Kana malees, guddina teeknolojii, gamtaa waraanaa, hariiroo dippilomaasii, loltoota humna eeggataa, xiyyaarota waraanaa, konkolaattotaa fi humna galaanaallee kan dabalatuudha.

Waggaa shan dura bara 2020 ga’uumsa waraanan Afrikarraa sadarkaa 7ffaa addunyarraa ammoo sadarkaa 60ffaa kan turte Itiyoophiyaan, bara 2025tti Afrikarraa 5ffaa Addunyarra ammoo sadarkaa 52ffaa irratti argamti jedha maddi kun.

Marsariitiin kun Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa Masrii, Aljeeriyaa, Naayijeeriyaafi Afrikaa Kibbaatti aanuudhaan tarree biyyoota Afrikaa humna waraanaa sadarkaa ol’aanaarratti argamtu ta’uu maddi kun ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *