Maanguddoon waggaa 92 yeroo 8ffaaf filannoo mo’achuun Kaameeruun jeequmsatti galche!
OFM:Onkoloolessa.29/2025-Ministirri dhimma biyya keessaa Kaameeruun Pool Ataangaa Nijii filannoon walqabatee jeequmsa biyyattii keessatti deemaa jiruuf kan itti gaafatamu dursaa mormitootaa isaa Shiroomaa Bakarii ta’uu himan.
Erga filannoon Onkoloolessa 12 eegalee Kaameeruun keessatti mormii muudateen yoo xiqqaate namoonni afur ajjeefamaniiru.
Erga managuddoon waggaa 92 Pool Biyaa yeroo saddeettaffaaf walitti aansuun aangoo qabachuusaanii labsatanii ammoo biyyattii keessatti hookkarri hammaateera.
Dursaan paartii mormituu Shiroomaa Bakarii ammallee filannoo kana injifachuusaanii falmataa jiru.
Paartiin Pool Biyaa, Sochii Dimokiraatawaa Uummata Kaameeruun (CPDM) jedhamu garuu himata kana kuffiseera.
Poolisii fi aanga’oonni nageennaa biyyattii mormitoota humnaan cabsuun isaanii addunyaarratti ijoo dubbii ta’eera.
Hawaasi idiladdunyaa, UN, Gamtaan Afrikaa fi Gamtaan Awurooppaa hookkarri kun hatattamaan akka dhaabbatu waamicha dhiheessaniiru.
Bara 1982 erga aangoo qabatani hanga ammaa Kaameeruun bulchaa kan jiran Pool Biyaa umriidhaanis, yeroo aangoorra turaniinis addunyaarratti qondaala umrii dheeraati.
Filannoo Onkoloolessa 12 gaggeeffameen sagalee kenname keessaa dhibbeentaa 53.7 argachuun injifatan. Morkataan isaanii Shiroomaa Bakarii ammoo dhibbeentaa 35.2 fiduun injifataman.
