Itiyoophiyaan waliigala liqiin biyya keessaa dhuma baatii Fulbaanaa bara 2025tti Birrii tiriliyoona 2.56 gaheera.

OFM:Sadaasa.03/2025-Daballiin kun kan dhufe mootummaan karaa gabaa Tiraazirarii Bill (T-Bill) maallaqa walitti qabuun milkaa’inaan yoo ta’u, invastaroota garuu liqaa yeroo dheeraa irraa of eeggataa kan turan yoo ta’u, fedhii sekuritiiwwan yeroo gabaabaa agarsiisaniiru.

Akka Ministeerri Maallaqaa ibsutti mootummaan hanga dhuma baatii Fulbaanaa bara 2025 qofatti caalbaasii lamaatiin Birrii biiliyoona 53.35 walitti qabuu danda’eera.

Haa ta’u malee, milkaa’inni kun irra caalaa kaffaltii guyyoota 28 fi guyyoota 91 irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, kaffaltiin waggaa tokkoo (guyyoota 364) kan hin guunnee fi daangeffamee hafeera.

Akka ragaan kun agarsiisutti, bu’aan boondii yeroo gabaabaa ji’a Fulbaanaa fi walakkeessa Adoolessa jidduutti kan gadi bu’u yoo ta’u, bu’aan boondii guyyoota 364 akka tasaa %15 irraa gara %20tti ol guddateera.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti daballiin guddaan kun invastaroota sababa qaala’iinsa jireennaa gara fuula duraa fi tasgabbii dhabuu dinagdee maakroo irraa kan ka’e liqaa yeroo dheeraa irraa of eeggachuu isaanii mirkaneessa.

Dhaabbileen aksiyoona liqaa biyya keessaa waliigalaa keessaa qooda guddaa qaban Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa (%43), Baankii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa (%26.3) fi Fandii Sooramaa (%19.3) dha.

Ministeerri Maallaqaa kurmaana itti aanutti maallaqa birrii biiliyoona 243.05 baasuuf karoorfachuu beeysise.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *