Fnciltoota Suudaan RSF’n Magaalaa to’atamte keessatti ajjeechaan jumlaa raawwatamuun gabaafame.
OFM:Onkoloolessa.29/2025-Suudaan Eel-Faasheer keessatti gareen ‘Rapid Support Forces (RSF) namoota nagaa kuma lamaa ol guyyoota darban keessa ajjeessuu Ze Gaardiyaan gabaase.
Erga gareen finciltootaa RSF magaalaa Daarfuur Dhihaa too’atanii as ajjeechaafi gara jabummaan sanyiirratti xiyyeeffate Eel-Faasheer keessatti gaggeeffamaa jiraachuu gabaafamaa jira.
RSF namoota nagaa taa’an baay’ee irratti dhukaasa banuun lubbuu namoota hedduu baasuu viidiyoo aktiivistoonni gallakkisan kan agarsiisu yoo tau, Viidiyichi garuu hin mirkanoofne.
Lola Suudaan keessatti ajjeechaan sanyii irratti xiyyeefatee ta’aa jiru hamaataa deemuu Gamtaan Mootummootaa kanaan dura beeysisee turuun kan yaadatamuudha.
Waldhabdeen Suudaan keessatti Ebla, 2023 lola Humnoota mootummaa Suudaan lameen Waraanaa Suudaan (SAF) fi (RSF) jidduutti jalqabe, ajjeechaa sabaa irratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa ture ittuu kan babaldhisuu himuun, uumanni naannoo jiraatu gadi lakkisuun, buqqa’iinsa ummata dabaluun rakkoo qarqaarsa namoomaa addunyaa irratti isa hamaa uumuus gabaasni Gamtaa Mootummootaa ibseera.
Suudaan walakkeessa waggaa kanaa qofa keessatti ajjeechaan namoota nagaa dabalaa dhufu irraa kan ka’e, naannoo dhiha Daarfuur keessatti ajjeechaan namoota nagaa irraatti raawwatamu baayyee dabaluu isaa Daabbanni Mirga Namoomaa kan Gamtaa Mootummoota Fulbaana 19/ 2025 beeysisee ture.
Jalqabaa haga walakkeessa bara 2023 qofa yoo xiqqaate namoonni nagaa 990 ajjeefamuu isaanii gabaasni kun kan agarsiise yoo ta’u, lakkoofsi kun Baatii Onkoloolessa 2023 irraa haga Ebla 2023 jidduutti dachaa sadiin dabaluu isaa akeekee ture.
