Haakeroonni Kooriyaa Kaabaa maallaqa guddaa hatuun rikaardii cabsan!

OFM:Onkoloolessa.08/2025-Haakeroonni Kooriyaa Kaabaa dureeyyii maallaqa kirpitoo qaban irratti xiyyeeffachuun isaanii dabalaa dhufeera jedhan qorattootni.

Akka ibsa qorattootaa kanaatti namootni hojii hanna gama onlaayiniin hojjatan kunneen abbootii qabeenyaa maallaqqa kirpitoo qabeenya guddaa qaban irratti xiyyeeffachuun adamsaa fi saamaa turan.

Bara 2025 kana qofas hanga ammaatti doolaara biiliyoona 2 ykn Birri Itiyooophiyaa gara biliyoona 300 tti tilamamu hatuu danda’aniiru.

Akka tilmaamni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii mul’isutti, hangi hannaa kun oomisha waliigalaa Kooriyaa Kaabaa keessaa (GDP) gara %13 ta’a. Kunis seenaa biyyattii keessatti hanna rikaardii cabseedha.

Haakeroonni kunneen sirna mootummaa Kooriyaa Kaabaa waliin kanneen hidhata qaban yoo ta’u, dhaabbileen nageenyaa biyyoota dhihaa maallaqni kun sagantaalee misooma meeshaa niwukilaraa fi misaa’elaa Kooriyaa Kaabaa maallaqaan deeggaruuf oola jedhu.

Waggoota dhiyoo asitti haakeroonni gareewwan hacking kan akka Lazarus Group hanna maallaqa kirpitoo irratti baay’ee xiyyeeffataniiru.

Haleellaawwan kana keessaa inni hamaan bara kana Guraandhala keessa yeroo haakeroonni dhaabbata maallaqa dijitaalaa ByBit jedhamu irraa doolaara biiliyoona 1.4 hatanii turan.

Garuu qorannoon haaraan qorattoota Elliptic irraa argame akka akeekkachiisutti yakkamtoonni saayibarii namoota maallaqa guddaa toora interneetii irratti qaban irratti xiyyeeffachuun isaanii dabalaa dhufeera.

Qorataa buleessi dhaabbata Elliptic Dr. Tom Robinson akka jedhanitti, namoota dhuunfaa-kanneen taateewwan gabaasuuf carraan isaanii xiqqaa ta’e irratti xiyyeeffachuun lakkoofsi qabatamaan hanna olnlaayinii Kooriyaa Kaabaa waliin walqabatee jiru daran guddaa ta’uu danda’a jedhe.

“Hanni saayibarii biroo hedduu kanneen Kooriyaa Kaabaa waliin akka wal qabatu ragaa muraasa agarsiisu, garuummoo ragaa gahaan itti hin argamnee fi ammallee hin beekamne hedduun jiraachuu akka malu ifaadha”jechuun dubbatan

Imbaasiin Kooriyaa Kaabaa UK jiru dhimma kana irratti yaada akka kennuuf quunnamus hatattamaan deebii hin kennine. Sirnichi kanaan dura hojii hacking keessatti hirmaannaa omaatu akka hin qabne haalee ture.

Dhaabbileen Elliptic fi kanneen biroo kan akka Chainalysis galmee daldala ummataa blockchain irratti argamu hordofuudhaan sochii qabeenya hatame kan akka Bitcoin fi Ethereum hordofuu danda’u.

Waggoota darban keessatti qorattoonni malaa fi meeshaalee haakeroonni Kooriyaa Kaabaa fayyadaman adda baasuun isaanii ni yaadatama.

Hanna ByBit Guraandhala keessa raawwatame waliin xiinxaltoonni Elliptic bara kana hanga ammaatti haleellaa biroo 30 ol Kooriyaa Kaabaa keessatti waliigalaattikan beekamu qofaan qabeenyi kirpitoo sirnichi hatame doolaara biiliyoona 6 ol akka ta’u ibseera.

Kooriyaan Kaabaa lakkoofsa GDP isii hin beeysiftu. UN akka tilmaametti garuu biyyattiin bara 2024tti doolaara biiliyoona 15.17 argatteetti.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *