Mariin nagaa Israa’eliifi Hamaas ‘abdii guddaa’ kan qabu ta’uun ibsame.

OFM:Onkoloolessa.08/2025-Gorsaa itti gaafatamaa biiroo siyaasaa Hamaas Taher al-Nunu akka jedhanitti, “mariisiftoonni marii kun waliigalteen gaariii waraana kanatti xummura godhu taasisuuf itti gaafatamummaan waan barbaachisu hundaa gochuuf carraqqii taasisaa jiru.”

Keessumaa kanneen dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuuf gufuu ta’an kamiyyuu maqsuuf tattaaffii guddaa taasisaa akka jiran eeruusaanii Anaaduuluun gabaaseera.

Kanaanis “qilleensi abdii nama maratti horuu qilleensa’aa jira” jechuun mariin kun abdii guddaa waraana kana xummuruuf qabu ibsan.

Haala hanga yoonaa jiruun humnoonni Israa’el Gaazaa keessaa bahuu fi hidhamtoota wal jijjiiruu irratti kan xiyyeeffate ta’uu himan

Akka qondaala kanaatti “Har’a, tarreen hidhamtoota gadhiifamuu qaban, akkaataa ulaagaa fi lakkoofsa waliigaltee irra ga’ameen waljijjiirameera.

Pireezidaantiin Masrii Abdel Fattah El-Sisi, marii biyyi isaanii keessummeessaa jirtu, kanaan “wantoota baay’ee nama jajjabeessan” mul’achuu himan.

Wayita mariin kun xummuramee yoo walii galteerra ga’ame pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp akka hirmaatan affeeraniiru, El-Sisin.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *