Kiim Joong Un Yeroo kaluutti naannoo galaanaa to’anna jedhan.

OFM:Onkoloolessa.09/2025-Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un humnoota galaanaa naannichaa keessaa isa sodaachisaa ta’e tokko ijaaruun balaa US fi “diina” naannoo isii irraa dhufu kamiyyuu qolachuuf akka yaadan himuun isaanii gabaafameera.

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un agarsiisa waraanaa Buufata Galaanaa Cho Hae keessatti gaggeeffame daawwachuu isaanii Wiixata miidiyaan mootummaa KCNA gabaaseera.

Kiim akka jedhanitti humni galaanaa ”kakaasaa diinaa kamiyyuu guutummaatti ugguruu ykn ofirraa deebisuu fi adabuuf qophaa’uu qaba,” jedha KCNA.

Agarsiisni misooma ittisaa waggaa waggaadhaan gaggeeffamu kun Kooriyaan Kaabaa ”guddina ajaa’ibaa” waraana isii ammayyaa ta’eef agarsiisa ta’uu gabaasni miidiyaalee ni mul’isu.

Kiim kana kan dubbatan Ameerikaa fi michoota naannoo isii Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa dabalatee tumsa waraanaa uumuuf kan kaayyeffate walitti dhufeenna ittisaa, daldalaa fi aadaa irratti marii biyyoota lamaanii erga geggeessanii booda.

Kiim haasaa wiixata darbe televijiinii irratti taasisaniin, doonii balleessituu ulfaatina toonii 5,000 qabu kan Ebla keessa furguggifame daawwachuun, humna galaanaa biyya isaanii sadarkaa sodaachisaa ta’etti babal’isuuf fedhii akka qaban cimsanii dubbataniiru.

Kiim akka jedhanitti, humni galaanaa kabaja, abbaa biyyummaa, nageennaafi dantaa biyyattii eeguuf kaka’umsa diinaatiin raawwatamu bu’a qabeessa ta’een duubatti deebisuu fi adabuu qaba.

Ogeeyyiin Kooriyaa Kibbaa teeknooloojii waraanaa fi ittisaa Kooriyaa Kaabaa itti dhiyeennaan hordofan akka jedhanitti agarsiisni kun misaa’ela balistikii galaana jalaa furguggifamu (SLBM) fi meeshaalee waraanaa biroo kan hammate ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, Kiim Kooriyaan Kaabaa carraaqqii Chaayinaan Taayiwaan dhuunfachuuf taasiftu kan deeggartu yoo ta’u, yoo walitti bu’iinsi uumame qabeenna Chaayinaa Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa irraa ni eegsifti jedhan.

Akkasumas, Kooriyaan Kaabaa imaammata Chaayinaa tokkootiin walitti dhufeenna waraanaa Chaayinaa waliin qabdu akka cimsitu ibsuun, naannichatti walitti bu’iinsi uumamuu akka danda’u kan agarsiisu ta’uu Rooyitars fi KCNAn gabaaseera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *