Pireezidantiin duraanii Faransaayi maallaqa miiliyoonaan Mu’aammar Gaadaafii irraa fudhataniif hidhaman.
OFM:Onkoloolessa.21/2025-Pireezidaantiin duraanii Faransaay Niikoolaas Sarkooziin maallaqa hogganaa Liibiyaa duraanii Mu’aammar Gaadaafii irraa fudhachuun filannoo bara 2007 seeraan ala akka injifatan gargaaruuf shira xaxaniiru jedhamuun erga itti murtaa’ee booda murtii hidhaa waggaa shanii har’a jalqaban.
Manguddoo waggaa 70 kan ta’an Sarkooziin har’a ganama haadha warraa isaanii Kaarlaa Biruunii waliin ta’uun mana hidhaa Laa Santee Paaris kan qajeelan yoo ta’u,adabbii hidhaa isaanii har’aa eegalu.
Garuu yaada fuula X isaanii irratti ibsataniin haalli kun miidhaa jibbiinsaa fi loogii irraa kan isaanirra ga’e ta’uu himachuun, namni adabbiin kun itti murtaa’e nama qulqulluu akka ta’e akka naaf hubatamu jedhan.
Saarkooziin hogganaa duraanii Liibiyaa Mu’aammar Gaadaafii irraa doolaara miiliyoonaan lakkaa’amu fudhateera jechuun waggootaaf falmii seeraa erga godhanii booda, dhiheenna kana hidhaan waggaa shanii itti murtaa’eera.
Filannoo bara 2007 irratti matta’aa akka hin fudhannee fi hojii waliin dhahuu kamuu keessaa harka akka hin qabne irra deddeebiin haalan.
Bara 2007 hanga 2012tti Pireezidaantii Faransaay kan turan Sarkooziin, erga hogganaa Faransaay duraanii sirna Naazii waliin hidhata qabu Maarshaal Filip, waraana addunyaa lammaffaa booda hidhaa bahuun pireezidaantii Faransaay ta’een booda Pireezidaantii duraanii Faransaay kan jalqabaati.
Murtiin kunis hiriyyoota siyaasaa isaanii fi deeggartoota paartilee isaan hogganaa turan biratti aarii guddaa kaaseera.
