Humnoonni Faannoo Naannoo Amaaraatti

bakkoota hedduu “to’achuun” gabaafame.

OFM:Onkoloolessa.18/2025-Lola naannoo Amaaraa keessatti humnootii

Faanoo fi loltoota mootummaa jidduutti deemaa jiruun gareen faannoo naannicha keessatti bakkoota adda addaa to’achuu jiraattoonnii fi hoggaantonni Faannoo Raadiyoo Sagalee Jarman DW tti himan.

Gondar Kibbaa fi Wolloo Kaabaa kan wal qunnamsiiftu magaalaa Caacehoo jedhamtu gareen hidhatee naannoo Amaaraa keessa socho’u kanaan to’atamuu jiraataan magaalichaa tokko DW’tti hime.

“ Humnoonni kuni magaalaa kana qofa osoo hin taanee magaloota akka Zaabit, Garagaraa fi Aflaqiit dabalatee bakkoota hedduu.” to’achuu jiraataan kuni himeera.

Haaluma walfakkaatuun ajajaan garee Faannoo Godina Walloo Kaabaa Meejar Miikiyaas DW’tti akka himetti, Fannoon

kaabaa Walloo qofa keessatti aanaalee jaha to’achuu beeysiseera.

Itti dabaluudhaanis kaleessa loltoonni mootummaa naannoo Raayyaa Qobboo

Muujjaa fi Kulmask to’achuuf yaalanis, miidhaan guddaan irra gahuun yaaliin isaanii osoo hin milkaayini hafeera jedhe.

Hidhattoonni Faannoo kanneen biraa lola dhiheenna kana gaggeeffameen “bakkeewwan akka Saankaa, Zaabit dabalatan to’annaa isaanii jala galanii jiraachuus” himeera.

Jiraataan naannichaa kuni Gama biraatiin jiraataan Walloo Kaabaa kan bakka Lastaa Bilbilaa jedhamu jiraatu naannoon isaanii to’annoo Faannoo jala akka ture kan ibse yoo ta’u, lola tibbana gaggeeffameen naannoo isaaniitti walitti bu’iinsi akka hin jirre dubbateera.

kunis lolli hanga dhaabate ”Amma gara guyyaa lamaaf tureera,” jechuun yaada kenne.

Akka gabaasni kuni ifoomsetti Lolli kuni

bakka Baqloo Maaneqiiyaa jedhamu gaara olka’aa naannoo Sankaa Walloo Kaabaatti argamutti kaleessa lolli jabaan akka ture ibseera.

Dubbii himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaadeer Jeneraal Geetinet Adaanee haala jiru miidiyaa DW wayita gaafatamanitti, kallattii komunikeeshinii mootummaa irraa ajajni yoo kename malee deebii akka hin kennine himaniiru.

Deetan Ministera Komunikeeshinii fi Tajaajila Odeeffannoo Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa humnii Faannoo naannicha keessatti haleellaa raawwachuu malee “dandeettii bakka kamittiyyuu qabsaa’uu akka hin dandeene” hubachiisaniiru.

Naannolee hidhattoota Faannoon qabaman

jedhaman yookiin taateewwan lola dhiheenna kana muudatan toowwannoo faannoo jala galan jedhamee odeeffamuu garuu haalaniiru. DW garuu odeeffannoo qaama walabaa irraa mirkanneefachuu hin dandeenne jechuun ibse.

Ministerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa baatii fulbaanaa keessa lola humnoonni

faannoo naannoo Amaaraa magaalaa Woldiyaa qabachuuf yaalii taasisfame keessatti mootummaan Eertiraa fi TPLF lolicha keessatti hirmaataniru jechuun himate.

Ministerri Dhimma Alaa Xalayaa onkololeessa 02/2025 barreessaa ol’aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareeziif barreesseen ajajoonni TPLF kallattiin lola kana keessatti hirmaachuu isaanii ibsaniiru.

Itti dabaluunis Ministerri dhimma alaa Itiyoophiyaa Geediyoon Ximotowos (PHD) gareen haaraan “Tsemdo” jedhamu jalatti “Itiyoophiyaa loluuf”wal-gurmeessaa akka jiran himate.

“Tarkaanfii ofirraa ittisaa” fudhachuufi “obsa sadarkaa ol’aanaa” qabaachuu isaa hubachiisaniiru, garuu “obsi kun daangaa.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *