Ameerikaan “TikTok” dhuunfachuuf haal-duree xummure jette!

OFM:Onkolooleessa.27/2025-Ameerikaan “TikTok” dhuunfachuuf haal-dureen barbaachisu hundumaa xummuramuu Ministirri Qabeennaa Ameerikaa Iskooti Besenti ibsaniiru.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gita isaanii Chaayinaa Shii Jinpiing waliin Kooriyaa Kibbaatti marii taasisan dursuun waliigalteef waan barbaachisu raawwachuu ibsan.

Marii Kamisa dhufu Tiraampiifi Jinpiing Se’uulitti adeemsisan irratti waliigalteen TikTok ni adeemsifama jedhamee akka eegamu ibsameera.

Waliigalteen jalqabaa Maadriiditti taasifamuu himuun, Se’uulitti ammoo akka xummura isaa argatu akeekan.

Tiraamp erga TikTok cufuuf akeekkachiisanii turanii booda, baatii darbe keessa dambii abbaa qabeennaa Ameerikaan dhuunfatamuun biyyattii keessatti akka tajaajilu eyyamu irratti mallateessuun isaanii kan yaadatamuudha.

Gama biraatiin, anga’ootni ol’aanoon biyyoota lamaanii Maaleezhiyaatti hariiroo daldalaa isaanii ilaalchisee mari’ataa kan jiran yoo tahu, daawwannaa Eeshiyaa biyyoota Sadiitti karoorsaniin, Tiraamp har’a gara Jaappaan Tookiyootti imalaniiru.

Mootii Jaappaan wajjin wal arguun isaanii kan ibsame yoo ta’u, Ministira Muummee Jaappaan dhiyeenna filaman, Taakaayichii wajjiinis wal arganii mari’achuuf akka jiran miidiyaaleen gabaasuurratti argamu.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *