UK keessatti kan argamu naannoo buufata humna qilleensaa US ‘RAF Fairford’ jedhamutti namoonni shan to’annoo jala oolaniiru.

OFM:Fulbaana.27/2026.Konkolaattonni shakkisiisaa sadii gara buufata kanaatti osoo deemaa jiranii kan argaman yoo ta’u, poolisiin Biriiteen odeeffannoo tasaa argateen to’atuu danda’e.

Walumaagalatti namoonni shan yakka shororkeessummaatiin shakkamanii to’annoo jala oolfamuun beekameera.

Shakkamtoonni kunneen haleellaa boombii yaaluun shakkamanii to’annoo jala oolan jedhameera.

Sababaa taatee mul’ate kanaan Naannoon kun of eeggannoo ol’aanaa keessa kan seene yoo ta’u, Abbootiin warraa 85 kan baqatan tahuunis gabafame.

Buufatni kun yeroo ammaa ka’umsa buufata haleellaa qilleensaa Ameerikaan Iraan irratti raawwattuuf fayyadaa jira.

Ji’a darbe keessa gareen Eegdota Warraaqsa Iraan (IRGC) Biriteen xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa buufata kana irraa akka ka’an yoo hayyamte, xiyyeeffannoo seera qabeessa akka ta’u akeekkachiisee ture jechuun Indiya Tuday gabaaseera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *