OFM:ODUU HAARAWA:Fulbaana.27/2026
••••••••••••••••••
Afrikaa Kibbaatti dhukaasa banameen yoo xiqqaate namoonni 17 du’uun Poolusiin shakkamtoota saddeet barbaadaa jira.
Tajaajila yaalaa hatattamaa Kibba Lixa Johaannesbarg magaalaa Wedelaatti dhukaasa banameen miidhamtoonni 17 du’uu isaanii beeysiseera.
Afrikaa Kibbaa bulchiinsa Gauteng keessatti mana dhugaatii keessatti dhukaasa banameen yoo xiqqaate namoonni 17 yoo du’an, 15 ammoo madaa’uu poolisiin beeysiseera.
Tajaajilli yaalaa hatattamaa magaalaa Johaannesbarg kibba lixaa magaalaa Wedelaatti bakka balaan kun itti dhaqqabetti namoonni 17 du’uu isaanii kan mirkaneesse yoo ta’u, kaka’umsi dhukaasa kanaa akka hin beekamne Tajaajilli Poolisii Afrikaa Kibbaa Dilbata ibseera.
Poolisiin shakkamtoota saddeet kanneen “qawwee AK-47 fi dhugguxii hidhatan” jedhaman barbaadaa jira.
