Korri NATO Turkiyaatti eegale, Tiraampi baasiin waraanaa biyyootaa akka dabalu barbaadu.
OFM:Adoolessa.07/2026.Kora NATO Turkiyaatti eegaleen, Tiraamp baasiin waraanaa akka dabaluu fi waayee odola Giriinlaandis dubbachuu akka fedhan himame.
CBS akka gabaasetti kora NATO Kiibxata har’aa Tarkiitti eegalurratti Pireezidaanti Tiraampi biyyoonni miseensa NATO oomisha waliigalaa waggaa (GDP) isaanii keessaa 5% humna waraanaaf akka oolchan dhiibbaa gochuufi.
Kun wayita US dhawaata qabeenna isii tokko tokko Awurooppaa keessaa baasuuf jettu, akkasuma wayita Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloonii waliin wal-dhabdee isaanii deebisanii kaasanittii fi wayita fedhiin Donaaldi Tirqampi Giriinlaand bituuf qabanu, Awurooppaa rifachiisee fi mufachiisee jirutti.
Pireezidaanti Tiraampi al-tokko tokko faayidaa fi itti fufiinsa NATO kan shakkii keessa galchan yoo ta’u, miseensonni Gamtichaa 32 waan Tiraampi itti aansanii dubbatan dhiphinaan afaan irratti akka eegan taasisee jira.
Tiraampi Kiibxata har’aa ganama sa’aatii 01:00 dura Tarkiyaa kan gahan yoo ta’u, Pireezidaantii Tarkiyaa Tayiib Erdogaaniin simatamaniiru.
Yaa’ii kun magaalaa guddoo Tarkiyaa Ankaraa keessatti gaggeeffamuun isaa xiyyeeffannoo akka argatu godheera.
Hariiroon biyyoota Awurooppaa tokko tokko waliin qaban kan buburrate yoo ta’u,Tiraampi baroota bulchiinsa isaanii lameen keessatti Erdohaan waliin hariiroo jabaa uumanii jiru.
Tarkiyaan bara 1952 irraa jalqabee miseensa NATO kan turte, yeroo tokko tokko miseensa falmisiistuuudhas. Raashiyaa waliin hariiroo diinagdee walxaxaa qabdi, akkasumas gaaffii dhimmoota mirga namoomaa ta’an hedduu kan qabduudha biyyattiin.
Barreessaan Ol’aanaan NATO Maark Ruttee yaa’ii kana dura ji’a darbe Waayit Hawuusitti Tiraampi waliin wal arganiiru.
Sababoota hedduu kanaan, Ministirri Dhimma Alaa US Maarko Ruubiyoo ji’a darbe yaa’ii kana “tarii kora seenaa NATO keessatti baay’ee murteessaa ta’e” jechuun waaman.
Ajandaawwan ijoo kora kanaa:
•Baasii waraanaa dabaluu: Biyyoonnis karoora baasii ittisaa GDP biyyootaa keessaa %5 irraan gahuuf qaban dhiyeessuu
•Baasii Qooddachuufi Ittigaafatamummaa: Biyyoonni Awwurooppaa ittigaafatamummaa ittisa naannoo isaanii caalaatti akka fudhatan dhiibbaa gochuu
•Deeggarsa Yukireeniif jabeessuu: Walgahicharratti deggarsa meeshaa waraanaa yuuroo biiliyoona 70 Yukireeniif kennamu mirkaneessuu.
•Nageenna Hulaa Hormuuz mirkaneessuu.
•Walitti mufannaa Doonaaldi Tiraampii fi MM Xaaliyaanii Meloonii fa’a.
