ABUT himannaa Itiyoophiyaan ‘Sudaan waliin qindoomtanii jirtu’ jedhu ‘ragaafi itti gaafatamummaa kan hin qabne’ jechuun haale, akeekkachiisas kenne.! Gabaan Boba’aa sababa muddama naannoo hulaa galaanaa Hormuz jiruun jeeqamaa jira. Libaanos Israa’el waliin nagaa barbaaddi malee walitti dhuffeenna dhaabbataa (normalization) akka hin barbaanne beeysifte. Kooriyaan Kaabaa karoora Kooriyaa Kibbaa waliin tokko ta’uuf karoorfatte ifatti diigde.! “Puutiin yaalii ajjeechaa sodaachuun torban hedduudhaaf masaraa lafa jalaa keessa dhokataa turuu” gabaasni iccitii bahe saaxile.!
