AMG Holdiingi warshaa fedhii Omisha daawwitii biyyattii 90% sagaltama guutuu danda’a jedhame ijaaruuf akka jiru ibse.
OFM:Onkoloolessa.14/2025-Warshaan daawwitii fedhii omisha daaawwitii biyyattiin feetu dhibbeentaa sagaltama guutuu danda’u ijaaruuf akka jedhu Dhaabbanni AMG Holdiingi beeysiseera.
Warshaan dhaabbachuuf jedhu kun guyyaatti omisha daawwitii toonii dhibba jahaa ol omishuu akka danda’u kan ibsame yoo tahu, baasiin isaatis sharafa yerootiin gara qarshii biiliyoona 14.5 ta’uu gaazexaan Riipoortar Itiyoophiyaa gabaase.
Obbo Solomoon Geexuu, Daarektarri Itti Aanaa Induustirii Dhaabbata AMG Holdiingi, warshaan bakka lamatti dhaabatu kun yoo xummuramu omishawwan daawwitii gosa lama Filoot Gilaas kan ijaarsa gamoorratti faayidaaf oolu fi daawitii qabiyyeef oolu, (Container glass) dhangala’aa akka lallaafaa, nyaataa, dhugaatii, qorichaa fi kan miidhaginaaf oolan kan omishu ta’uus itta dabaluun ibsaniiru.
Maashinoota warshaa kanaaf oolan dhiyeeessuuf dhaabbata Chaayinaa MOU jedhamu waliin walii galteerra gahuu kan ibsan Obbo Solomoon, ijaarsi warshichaa akka jalqabeen hojiitti kan seenamu ta’uu fi warshaan bakka lamatti hiramee dhaabatu kunis namoota 2500 oliif carraa hojii akka uumu ibsaniiru.
Fedhiin omisha daawwitii Itiyoophiyaa amma omisha gabaa alaarraa seenuun guutamaa jiraachuu kan eeran Daarektarri Itti Aanaa Industirii dhaabbata AMG, warshaan daawwitii kun ashawaa adda ta’e dabalatee galtee omishaa dhibbeentaa sagaltama asuma biyya keessaa kan argatuudha jechuun ibsan.
Waxabajjii bara 2017, Muummeen Ministiraa Abiyyi Ahimad Alii, marii miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa waliin taasisan irratti, biyyattin warshaa daawwitii guddicha naannoo Aqaaqiitti dhaabaa akka jirtu ibsuun isaanii ni yaadatama jechuun Riipoortar Itiyoophiyaa gabaaseera.
Warshaa kana kan ijaaraa jira jedhame dhaabbanni AMG Holdiingi, dhaabbata Industirii kan biyya keessaa bara 2010 dhaabbate yoo tahu, omisha sibiilaa, midhaan zayitaa, ijaarsa manaa, al ergii bunaa, omisha qorqorroo fi galteewwan ijaarsaa irratti kan bobba’ee jiru ta’uun isaas himameera.
