Chaayinaan saayintistoota idil-addunyaa hawwachuuf gosa viizaa haaraa ‘K Visa’ jedhamu eegalte!
OFM:Onkoloolessa.11/2025-Chaayinaan dorgomtummaa addunyaa gama saayinsii fi teeknooloojiin qabdu cimsuuf sagantaa viizaa haaraa ‘K Visa’ jedhamu eegalte.
Viizaan kun dargaggoota ogeeyyii biyya alaa damee saayinsii, teeknooloojii, injinariingii fi herreega (STEM)tiin digirii jalqabaa fi isaa ol qaban hawwachuuf kan kaayyeffateedha.
Viizaan K haaraan kun viizaa Chaayinaa duraanii irraa kan adda ta’e, iyyattoonni hojjechiisaa Chaayinaa irraa hojii dhiyeessuun dirqama miti.
Kana jechuun ogeessonni jalqaba hojii osoo hin argatin gara Chaayinaa imaluun qorannoo, waljijjiirraa barnootaa, sochii aadaa ykn hojii abbootii qabeennaa irratti hirmaachuu danda’u.
Akka dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa jedhanitti, viizaan kun dargaggoota saayintistootaa fi ogeeyyii teeknooloojii jidduutti tumsaa fi waljijjiirraa guddisuuf kan kaayyeffateedha.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame erga Ameerikaan lammiilee biyya alaa ogummaa ol’aanaa qabaniif kaffaltii viizaa H-1B haalaan dabaltee booda yoo ta’u, kanaanis Chaayinaan dandeettii teeknooloojii addunyaa hawwachuuf tarkaanfii tarsiimoo akka fudhatteetti ilaalama.
Viizaan K dachaa seensaa, yeroo turtii dheeraa fi adeemsa iyyannoo salphaa akka qabu kan himamu yoo ta’u, gosti viizaa haaraan kun Onkoloolessa 1/2025 irraa eegalee ifatti hojiirra oola.
Mootummaan Chaayinaa dhiheessiin viizaa kun ogeessota saayinsii fi teeknooloojii Afrikaatiifis carraa guddaa kan banu ta’uu Raadiyoon Manaheria gabaaseera.
