OFM:ODUU GADDAA:Onkoloolessa-12/2025
•••••••••••••••••••
Caffaa Roobiititti Balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 10 darbe.
Naannoo Amaaraa Godina saba Oromoo magaalaa Caffaa Roobiititti balaa tiraafikaa dhaqqabeen lubbuun namoota 10 darbe.
Balichi konkolaataan deddeebisaa ummataa namoota 60 fe’ee deemaa ture,iddoo riqicha Jaarraa jedhamuun waamamutti konkolaataa fe’umsaa waliin walitti bu’uun akka uumame ibsameera.
Hanga ammaatti lubbuun namoota 10 darbuu kantiibaan magaalichaa Sa’iid Mahaammad himuu isaanii maddeen gabaasaa jiru.
Namoonni hedduunis miidhaa qaamaa cimaa fi salphaan akka irra gahe eeranii, lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka malu dubbataniiru.
