Pireezidaanti Donaald Tiraampi badhaasa nageennaa FIFA injifatan.

OFM:Muddee.05/2025.Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi badhaasa nageennaa Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa injifataniiru.

Sagantaa carraa baasuu Waancaa Addunyaa 2026 har’a Ameerikaa Waashingitan DCtti gaggeeffamerratti Pireezidaanti Tiraampiif badhaasni kun kennamee jira.

Haaluma kanaan Pireezidaantiin waldichaa Jiyaan Infaatiinoon badhaasa Warqee, meedaaliyaa fi waraqaa beekamtii pireezidaanti Tiraampiif kennaniiru.

FIFA’n kanaan dura, namoota dhuunfaa nageennaaf gumaacha ol’aanaa qabaniif beekamtii kan kennu ta’uu beeysisee kan ture yoo ta’u, Pireezidaanti Tiraampi nama jalqabaa badhaasicha injifatan ta’aniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *